Beekkumsa biyya keessaa fi Duudhaalee araaraa dhaloota barsiisuun barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC) – Beekkumsa biyya keessaa fi Duudhaalee araaraa barnoota ammaayyaa waliin qindeessuun dhaloota barsiisuun barbaachisaa ta’uu Komishiniin Araara fi nageenya Biyyaalessaa ibseera.
Malloonni Araaraa 320 ta’an qorannoo fi qoo’annoof dhiyaachuu ibsameera.
Ityoophiyaan biyya sabaa fi sablammoota hedduu ta’uu isheen maloota araaraa fi hojmaata gaarii iddoolee garaagaraa jiru mala saayinsaawaan walitti hidhuun fayyadamnaan rakkoo kamiifuu furmaata ta’a jedhan miseensonni Komishinichaa.
Beekkumsa biyya keessaa fi Duudhaalee araaraa barnoota ammaayyaa waliin qindeessuun dhaloota barsiisuun bu’aa fiduun kan danda’amu ta’uu ibsaniiru.
Sirni barnootaa Ityoophiyaa beekkumsa biyya keessaa ka’umsa taasiisuu dhabuun rakkoolee uumamaniif ka’umsa ta’uu eeraniiru.
Furmaata waaraa fiduuf beekkumsa biyya keessaa fi Duudhaalee araaraa barnoota ammaayyaa waliin qindeessuun dhaloota barsiisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Kutaalee biyyattii garaagaraatti ka’umsa walitti bu’iinsaa adda baasuun qorannoo fi qoo’annoof qophii taasiisun nageenya waaraa buusuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment