Giddugalichi akaakuu sanyii filatamaa hektaaratti callaa kuntaala 35 laachuu danda’u qonnaan bultootaaf raabsuu ibse

Finfinnee, Fulbaana 14,2014 (FBC)- Giddugalli qorannoo Qonnaa Awaash Malkaa Sa’aa akaakuu sanyii filatamaa midhaaan callaa hektaaratti oomisha kuntaala 35 laachuu danda’u qonnaan bultootaaf raabsuu ibseera.
Giddugalichi akaakuu Boloqqee oomisha olaanaa laatanii fi gabaa alaaf dhiyaachuuf oolan 6 qorannoon baay’isuun qonnaan bultootaaf raabsuu Daayreektarri olaanaan Giddugala Qorannoo Qonnaa Awaash Malkaa Sa’aa Dooktar Baddiruu Bashir himaniiru.
Akaakuu Boloqqee gabaa Awuurooppaa fi Eeshiyaarratti barbaaddamoo ta’an giddu gala qorannootti baay’iisuun qonnaan bultootaaf qooduu himaniiru.
Inni kana dura hektaaratti kuntaala 10 laachaa ture qorannoon akka hektaaratti kuntaala 35 laatu taasiifamuu himaniiru.
Gosti sanyii filatamaa kun Ooyiruu qonnaan bulaarratti Kilaasteraan misoomaa jiraachuu Giddu Galichatti Qorataan midhaan dheedhii Dooktar Birihaanuu Amsaaluu eeraniiru.
Dhaabbilee oomisha Boloqqee Gabaa Alaaf dhiyeessan, Gabaa Oomisha Ityoophiyaa fi Qonnaan bultoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Akaakuu Boloqqee gabaarratti barbaaddamoo ta’an bal’inaan qonnaan bultoota akka qaqqaban alaa galchuun qorannoo irratti gaggeessuuf tumsaan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment