Qaala’insi gatii duula waraana diinagdee akka ta’e agarsiisftuun jir – Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Wayita ammaa kana qaala’iinsi gatii omishaaleerratti muul’ataa jiru waraanaa diinagdee ta’uusaa agarsiiftuun jiraachuusaan tarkaanfii hatattamaa fudhachuun barbaachisaa ta’uu Komishiniin Karooraa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa beeksiise.
Fedhii fi dhiyeessiin walsimuu dhabuun, sirni odeeffannoo gatii gabaa ammayyawaa ta’e dhabamuu, baasiin oomisha meeshaa gurgurtaaf ba’u dabaluun qaala’iinsa gatii amma jiru uumuu Komishinarri Komishinii Karooraa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa Dooktar Tashoomaa Addunyaa.
Qaala’iinni gatii wayita ammaa kana sirna gabaa biyyaa keessatti mul’achaa jirus sirna gabaa ammayyawaan waan hin jirreef, abbaan fedhe akka barbaade ka’ee gatii dabalaa jiraachuu kaasaniiru.
Haala kanas murni siyaasaa humna siyaasaa isaa cimsachuuf akka meeshaatti itti fayyadamaa jira jedhanDooktar Tashoomaan.
Bara dheeraaf aangoo siyaasaa murni qabatee ture sirna duraanii deebisuuf qaala’iinsa gabaa akka meeshaatti fayyadamaa jiraachuu kaasaniiru.
Kanaaf ammoo agarsiiftuun meeshaaleen daldalaa kotorobaandii hedduminaan to’annoo jala ooluu, qaala’inni gatii sirna gabaa biyyattii keessatti saffisaan mul’achuudha jedhan.
Ityoophiyaa waggoottan 27n darban keessatti sirna gabaa maatii malee, sirna gabaa hin qabdu ture jedhan.
Sirni gabaa biyyatti kan namootni muraasni gara fedhanitti gatii murteessuun sochoosan ture.
Dhugaa jiru bira ga’uuf daldaltoota qinxaaboo fi jumlaan dhiyeessan eenyu hagam maal akka dabale adda baasuun beekamuu qabas jedhan.
Gabaa jabaan yoo jiraate diinagdeen saffisaan guddata, hojii dhabdummaanis ni bada jedhan Dooktar Tashoomaan.
Gabaan yoo laafe diinagdeen ni kufa, hojii dhabdummaa fi hiyyuummaan waan bal’atuuf sirna gabaa ammayeessuun gabaa dorgomaa fi iftoomina qabu ijaruuun, daldaltoota seera hin kabajnerratti tarkaanfiim fudhatamuu dirqa ta’uu akka qabu kaasaniiru.
Mootummaan humnasaa guutuutti fayyadamun haala gabaa hordofuun to’annoo gaggeessuu, imaammataa fi sirna gabaa bu’uura godhachuun qooda fudhattoonni akka hirmaatan taasisuu fi invastimantii babal’isuun qaala’iinsa to’achuun akka irra jiraatu himaniiru.
Haala kanaan yaalamee qaala’iinsa to’achuun hin danda’amu yoo ta’e, oomisha amala addaa gabaa keessatti agarsiiseef hanga gatii murteessuutti tarkaanfii fudhachuun akka danda’amu DhPItti himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment