Wixineen labsii hundeeffama Mana Murtii Aadaa dhiyaate sagalee guutuun ragga’e

Finfinnee, Adooleessa 10, 2013 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Wixinee labsii hundeeffama Mana Murtii Aadaa Oromiyaa dhiyaate sagalee guutuun raggaasiise.
Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaasimal wixinee mana murtii Aadaarratti ibsa erga laatanii bood wixineen dhiyaate sagalee guutuun ragga’eera.
Mana Murtii Aadaa hundeessuun aadaa ofiitti deebi’uu keessaa isa tokko akka ta’e himameera.
Ragaa sobaa fi himannaa sobaa hanbisuu keessatti ga’ee olaanaa qabaachuu himameera.
Sirna ofii beekuun akka tajaajiiluu fi Uummata haalaan kan fayyaadu ibsameera.
Wixineen kun Sadarkaa darbu hunda darbeera,sirna haqaa ni jijjiira,hojii kanaaf haalli mijataa akka jiru qorannoodhaan mirkanaa’uu obbo Gaazaalii Abbaasimal himaniiru.
Dhugaa fi haqa baasuuf fayyadaa olaanaa akka qabus dubbatameera.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment