Waan ummata keenya gitu hojjechuu qabna – obbo Shimannlis Abdiisaa

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Waan ummata keenya gitu hojjechuu qabna Jedhan Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimannlis Abdiisaan.
Obbo Shimallis gaaffii miseensota Caffeerraa ka’aniif deebii wayita laatan waan hanga ammaatti hojjenne dachaa 4 guddisuu qabna jedhan.
Hojjenne hiyyummaa fi salphina keessaa ba’uu qabna jedhan.
Waan hanga ammaatti hojjetameen teenyee boonnaan qilee buuna jedhan.
Karoora hiixataa karoorfannee yoo hojjenne injifannoo barbaaddamu galmeessuu dandeenya jedhan.
Mirga seeraan kenname uummani maallaqaan bitachaa jira kun ammoo saalfii ta’uu ibsan.
Hojmaata kanaaf itti gaafatamummaa kan fudhatu nuta’uu qaba jedhan.
Ammaan booda hoggansi rakkoo hin hiikne hogganaa tauu hin danda’u jedhuun hubachiisan.
Seera hojmaata xaxaa ta’e hiikuutu hoggansarraa eegama jedhan Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Imaammanni, tarsiimoo fi seerri fayyadamummaa ummataarraatti danqaa ta’u diinaa ummataa malee hojimaata ta’uu hin danda’u jedhan.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment