Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (FBC) – Murtoon Liigiin Arabaa Ijaarsa hidha haroomsaa ilaalchisee dabarse fudhatama kan hin qabne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Liigiin Arabaa Ijaarsa hidha haroomsaa ilaalchisee murtoon kuwaataaritti mari’achuun dabarse fudhatama akka hin qabne mootummaan Ityoophiyaa ibsa gama Ministeera Dhimma Alaan baaseen himeera.
Biyyoonni miseensoota Liigii Arabaa itti fayyadama laga Abbayyaa fi ejjannoo Ityoophiyaa haalan beekuu akka qaban ibseera.
Ijaarsi hidha haroomsaa Ityoophiyaaf lammiilee miiliyoonan lakkawaman hiyyummaa keessaa kan itti baastu, dhiyyeessii humna ibsaa fi proojektii wabii nyaataa itti mirkaneessitu waan ta’eef, dhimma birmadummaashee akka ta’ee beekkamu qaba jedhe ministeerichi.
Haaluma kanaan biyyoonni yaa’aa laga Abbayyaa, marii fi walgargaarsan hojjachuun, nageenyummaa bishaanii tasgabbeessuf daandii filannoo biraa hin qabne ta’uu Ityoophiyaan ejjannoo hin jijjiramne akka qabdu beeksiseera.
Marii gaggeessummaa Gamtaa Afrikaan adeemsifamu osoo hin hubatiin, murtoo biyyoonni miseensota Liigii Arabaa dabarsan, Ityoophiyaan amantaa irra deebiin ni sakatta’uu jedhuu akka qabdus ibseera.
Guutinsa bishaani hidha haroomsaa ilaalchisee ejjannoo Liigichi qabate Mootummaan Ityoophiyaa guutuman guututti akka hin fudhanne beeksiseera.
Akka dhaabbata Naannawaa tokkootti, furmaata biyyoota sadeen fayyadamoo taasisuu fiduun, ejjannoo waldhahaa fi sababawaa hin taane akka sirreessuuf mootumaan waamicha dhiyyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Https://T.Me/Afanoromofana
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii Fanabc.Com/Afaanoromoo
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.