Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC) – Mariin idilee qopheessummaa Waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaan geggeeffamu marsaa 3ffaan Sirna diinagdee hammayyaa’aa karaa ittiin lafa qabsiisuun danda’amurratti gaggeeffameera.
Sagantaa marii Hayyoota Gumii Balal kun dhaabbiidhan Waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kan gaggeefamu yommuu ta’uu, marsaa 3ffaa dhimma diinagdee naannoo Oromiyaa karaa ittin ceesisuun danda’amurratti hayyoota dhimmi ilaallatu waliin irratti mari’atameera.
Sadarkaa itti aanaa preezdaantii Mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessan kilaastara misooma baadiyaa Dooktar Gimaa Amanteen Ummanni kallattii jijjiirama diinagdee hunda galeessa ta’e irratti xiyyeefatee hojjataa hin turre jedhan.
Qonnaan Bulaan naannoo Oromiyaa maasii qonnaa mijataan osoo jiruu qonna aadaa keessa bahuun gara hammaayyatti ce’uu dhabuun jijjiiramni barbaadamu akka hin argamneef gufuu ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo diinagdee baadiyaa furuuf waggoottan lamaan darban kana keessatti qorannoo bu’a qabeessa ta’e gaggeessa turuun bu’aan abdachiisaan mul’achaa dhufeera jedhan.
Sirna diinagdee fooyya’aa ijaaruu keessatti mala qonnaa naannoo Oromiyaa gara hammaayyatti jijjiiruun hojjetamaa turee eeraniiru.
Yeroo duraaf Tiraakteroonni Qonnaa 310 gara biyyatti galuun qonnan bulaaf raabsamuu fi 950 ammoo yeroo dhiyootti galuun qonnaan bulaa biraan ga’uuf hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Sirna invastimantii duraan ture fooyyessuun karaa qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuu danda’uun hojiin bal’aan hojjatameera jedhan.
Omishaalee alaa galan hambisuu kan biyya keesatiin bakka buusuu,dhiyeessi oomisha gabaa alaatif oolan qulqullinaa, baay’inaa fi kan yeroo isaa eeggate irratti xiyyeefachuunis adeemsa jijjiirama diinagdee akka ta’e marii Gumii Balal kanarratti ka’uu Biiroon Dhimmoota Koominiikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.