Qabeenya Tuuriizimii Oromiyaan qabdu beeksiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC) – Qabeenya Tuuriizimii Oromiyaan qabdu beeksisuuf, mata duree ‘koottaa Baalee daawwadhaa’ jedhuun magaalaa Roobeetti Bitooteessa 5 ,2013 sagantaan figichi qophaahe.
Daareektarri misooma gabaa fi beeksisaa Komishinii Tuuriizimii Oromiyaa obbo Ifabaas Abdulwahaab ibsa midiyaaleef kennaniin, qabeenya bineensootaa fi biqiloota Ityoophiyaa qofatti argamaan keessaa 26% godina Baaleetti argamu jedhan.
Komishinichi qabeenyaa kanneen beeksisuuf fiigicha kiilomeetira 5 magaalaa Roobee fi Gobbaa gidduutti fiigamuuuf dhaabbata ‘Sadiyaa meltmedia’ jedhamu waliin qopheessuu ibsameera.
Saganyicharratti atleetoota bebbeekamoo dabalatee, namootni kuma 5 irratti hirmaatu.
Akkuma ispoortiidhaan atleetootni Ityoophiyaa addunyaarratti beekaman, iddoolee hawwata Tuuriizimii addunyaan akka hubatuuf sosochii figichaan beeksisuun eegalamee jedhan obbo Ibfabaas.
Komishinichi qabeenya godinaaleewwan Oromiyaa keessa jiran itti fufiinsaan beeksisuun madda galii gochuuf ni hojjatas jedhan.
Waggootta shan keessaatti dameen Tuuriizimii Oromiyaa,  lammilee kuma dhibba 5f carraa hojii uumuuf karoorfamuu obbo Ifabaas kan himan.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment