Qorannoo fi hojii ijaarsa Indaastirii Paarkii naannoo Soomaalee Ayishi’atti hojjetamurratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC) – Qorannoo fi hojii ijaarsa Indaastirii Paarkii naannoo Soomaalee Ayishi’atti hojjetamurratti mariin gaggeeffame.
Marii kanarratti itti aanaa Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxafee Mahammaad dabalatee hoggantoonni naannoo fi federaalaa argamaniiru.
Korporeeshiin misooma Paarkiwwaan Indaastirii Federaalaa qorannoo hanga ammaatti jiru dhiyeessuun mariin irratti taasiifameera.
Yaadotaa fi gaaffilee ka’aniif deebiin laatameera.
Korporeeshinichi waggoottaan 20 dhufan keessatti karoora yeroo dheeran, Jigjigaa, Godee, Qabridahaar, Dagaahibuur, Qalaafoo fi iddoolee filataman misoomsuuf karoorfachuu ibseera.
Hojiin hojjetamu lammiileef carraa hojii olaanaa kan uumu ta’uu eerrameera.
Ijaarsi Indaastirichaa saffisaan akka eegalamuu qabu hoggantoonni olaanoon kunneen ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Komiiniikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamakeenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment