Ityoophiyaatti namoota vaayrasii koroonaan lubbuun isaanii darbe keessaa % 50 ol jiraattoota magaalaa Finfinnee ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti namoota vaayrasii koroonaan lubbuun isaanii darbe keessaa % 50 – 60 jiraattoota magaalaa Finfinnee ta’uu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa beeksise.
Namoota dhibichaan qabamanii dhaabbilee fayyaa keessatti lubbuun isaanii darbe keessaa harki caalu jiraattoota magaalaa Finfinnee ta’uu itti aanaa daayreektara olaanaa Initiityuutichaa obbo Aschaalew Abbayinehi ibsaniiru.
Magaalichatti Buufataalee fayyaa 34 ta’an keessatti qorannoon vaayrasichaa kan taasiifamu ta’uu ibsaniiru.
Biyyattii keessatti namoota dhibee Covid- 19 qabaman keessaa harki caalu namoota umriin isaanii waggaa 15 -34 keessatti argaman ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan namoonni umriin isaanii waggaa 15-34 % 57, namoonni umriin isaanii waggaa 55 ol ta’an ammoo % 11 ta’uu eeraniiru.
Namoota lubbuun isaanii darbe keessaa kanneen umriin isaanii waggaa 55 ol ta’aun % 63 kan uwwisan ta’uu jedhan.
Sadarkaa biyyatti namoonni dhibichaan qabamanii fi gara wallaansa yaala cimaa keessa galan haalaan dabalaa jiraachuu ibsameera.
Akka EBCn gabaaseetti baatii jahaan itti aanaan keessa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetamu ta’uu eerrameera.
Erga vaayrasich Ityoophiyaatti muul’ate namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 25 fi 622 kan qabaman yoo ta’u, lubbuun namoota kuma 1 fi 948 darbeera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment