Haala Proojektoonni maaddii biyyaa irratti argaman ilaalchisee mariin gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Haala Proojektoonni maaddii biyyaa irratti argaman ilaalchisee bakka Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad argamanitti mariin gaggeeffame.
Marii kanarratti Preezdaantoonni naannolee, Ministiroonni fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu hirmaataniiru.
Yeroon adeemsi proojektoota kanneeni itti gamaaggamamu qabu sababa dhimmoota waqtaawaa biyya muudateen harkifachuu isaa Dooktar Abiy ibsaniiru.
Ammas hojiin iddoolee sadanitti proojektoota eegalaman itti fufsiisuun mootummaa federaana hojjetamaa jiru akka fakkeenyatti kan ilaallaman ta’uu himaniiru.
Naannoleen proojektoonni kunneen keessati hojjetamaa jiran fedhii bal’aa agarsiisuu kaasaniiru.
Keessattuu iddooleen hedduun akka misoomaan ummata naannolee Oromiyaa fi Amhaaraa biraa gaaffiin ka’aa jiraachuu ibsaniiru.
Ijaarsa proojektichaaf Birriin naannoo tokkorraa funaanname naannicha qofaaf osoo hin taanee naannolee biroof ni qoodama jedhan.
Salamaawiit Kaasatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment