Hayyoonni dhalootaan Ityoophiyaa fi Ityoophiyaannoonni Awrooppaadha hojjetan preezaantii Paarlaamaa Gamtaa Awrooppaa Deeviid Saasooluuf xalayaa galchan

 

Finfinnee, Sadaasa 26, 2013 (FBC)- Hayyoonni dhalootaan Ityoophiyaa fi Ityoophiyaannoonni Awrooppaa yuunvarsiitiiwwaniifi dhaabbilee adda addaa keessaa hojjetan haala waqtaawaa biyyaarratti preezaantii Paarlaamaa Gamtaa Awrooppaa Deeviid Saasooluuf xalayaa galchaniiru.

Hayyoonnii fi ogeessoonni xalayichaan galchan gareen finxaaleeyyii ABUT haleellaan qaqqabsiise gochaa alseerummaa ta’uusaa ibsaniiru.

Hayyoonnii fi ogeessoonni biyyoota garaagaraa jiraatan 22 ta’an xalayaa isaaniitin mootummaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhate ilaalchisees ibsa taasisaniiru.

Yeroo amma kanas hojiin garee gantuu ABUT seeraatti dhiyeessuu hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Silabbaat Maannaayeetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment