Imbaasichi ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa teessoo isaanii Kaayiroo taasiifataniif haala yeroorratti ibsa laate

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Gibtsitti Ambaasaaddaarri Ityoophiyaa Maarqos Takleen ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa teessoo isaanii Kaayiroo taasiifataniif tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.
Ambaasaaddar Maarqoos Ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa teessoo isaanii Kaayiroo taasiifataniif barbaachisummaa tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuuf mootummaan naannoo Tigraayitti gaggeessaa jiru irratti ibsa taasiisaniiru.
Mootummaan federaalaa garee ABUT waliin marii gaggeessuuf yaaliin yeroo adda addaa taasiise osoo hin milkaa’in hafuu eeraniiru.
Nageenyi biyyattii balaarratti kufuu isaan mootummaan dirqamaan duula hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu eegaluu isaa ibsaniiru.
Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamaa jiru marii sadee Hidha Haaromsarratti dhiibbaan uumu kan hin jiraanne ta’uu ambaasaaddar Maarqos himaniiru.
Rakkoo marii Hidha Haaromsaan walqabatee jiru Ityoophiyaan gama dippiloomaasiin furuuf murannoo qabaachuu ibsuu isaanii Imbaasichi beeksiseera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment