Obbo Dammaqaa Makkoonniin gita isaanii Beeljiyeem Soofii Wiilims waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) –Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaan Makkoonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Beeljiyeem Soofii Wiilims waliin mari’atan.
Obbo Dammaqaan gita isaanii Beeljiyeem Soofii Wiilimsi waliin Biraasilsitti wal arguun mari’ataniiru.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaan Makkoonniin haala waqtaawaa Ityoophiyaa fi hariiroo waloo biyyoota lamaniirratti Soofii Wiilimsi waliin mari’ataniitu.
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee Soofiif ibsa laataniiru.
Itti aanaan Muummee Ministiraa Beeljiyeemii fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Soofii Wiilims gama isaaniin duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuuf gaggeeffamaa jiru lammiilee nagaaf of eeggannoo cimaa taasiisuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiru keessatti nageenyaa fi deeggarsa namoomaaf xiyyeeffannoo olaanaa laachuun akka raawwatu abdii qabaachuu ibsaniiru.
Xumurarratti hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii sadarkaa fooyya’atti ceesisuuf kallattii hundaan xiyyeeffannoon waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’amuu ragaan Waajjirra Itti aanaa Muummee Ministiraarraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment