Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC) – Godina Beenchii Shaakkoo keellaa aanaa Kaaba Beenchiitti meeshaaleen waraanaa seeraan ala socho’aa turan to’atamuu ibsameera.

 

Meeshaaleen waraanaa 18 seeraan ala socho’aa ture to’atamuu Qajeelchi Poolisii aanichaa beeksiseera.

 

Kilaashii dadachaatuun 10 fi Kilaash Kooviin abbaan sadafii 8 too’atamuu ajejaan Poolisii aanichaa obbo Habtaamuu Buunis eeraniiru.

 

Meeshaaleen kunneen kaleessa galgala hordoffii taasiifameen aanaa Kaaba Beenchii naannoo keella yeroo Geenjaatti to’atamuu eeruu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Koominiikeeshinii mootummaa naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment