Magaalaa Finfinneetti Zayitiin nyaataa liitirri kumni 750 karaa seeraan ala to’atame hawaasaaf raabsame Finfinnee, Eebila 2, 2014 (FBC) – Zayitiin nyaataa liitirri kumni dhibbi 7 fi kumni 50 karaa seeraan ala to’atame hawaasaaf raabsamuu Biiroon Daldala magaalaa Finfinnee beeksiise. Magaalaa Finfinneetti hojii to’annoo taasiseen zayitii nyaataa liitira kumni dhibbi 7 fi kumni 50 karaa seeraan alaa kuufame ture to’achuun hawaasaaf raabsamuusaa Biirichi ibseera. Biirichi rakkoo dhiyeessii fi daballii gatii zayitii nyaataa ilaalchisee jiru furuuf qaamolee dhimmi isaan ilaaltu waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu Hogganaan biirichaa obbo Adam Nuur. Biirichis zayiticha daldaltootarraa fuudhuun waldaalee hojii gamtaa shammattootaaf raabsuu eeraniiru. Waldaaleen kunneenis zayiticha hawaasaaf gatii madaalawaan raabsaa akka jiran obbo Adam himaniiru. Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!! Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf; Teelegraama https://t.me/afanoromofana Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna. Read more
Mootummaan gaaffiilee diinagdee ummata biraa ka’aa jiran deebisuuf hojjechaa jira- Dooktar Iyyoob Takkaalinyi Read more
Daandiin Qilleensichaa lammiilee waamicha guddaa ‘Iid hanga Iid’ fudhachuun gara biyyaa dhufaniif gatii tikkeettii 20 hir’isuu ifoomse Read more
Hoggantoonni mootummaa olaanoo federaalaa fi naannolee Waajjira Muummee Poolisii Federaalaa daawwatan Read more
Bu’aa argameen osoo of hin dagatin rakkoolee nageenyaa fi misoomaa furuun barbaachisaadha – obbo Shimallis Abdiisaa Read more
Ambaasaaddar Taayyee Atsaqasillaaseen gaanfa Afrikaatti ergamaa Addaa Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan Read more
Ityoophiyaan Shaampiyoonaa Teekaawaandoo Idil Addunyaa Afrikaan meedaaliyaa warqee 11 argatte Read more