Browsing monthly archive

August 2021

Hoggantoonni fi ogeeyyiin BDHKMNO mana daa’imman maatii hin qabnee ijaaruun harka-qalleeyyis gargaaran Finfinnee, Hagayya 7,2013 (FBC) – Hoggantoonnii fi Ogeeyyii Biiroo Dhimmoota Kominikeeshiinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Buraayyuutti Mana Daa’imman maatii hin qabnee ijaaruun harka qalleeyyiis gargaaraniiru. Hojii kenna Tajaajila Lammummaa akka biyyoolessaa fi naannoo labsame milkeessuuf karoora akka Biirichaatti qabameen hoggantoonnii fi ogeeyyiin biirichaa kaka’umsa isaaniitiin Birrii, meeshaalee fi uffata walitti qabuun mana daa’imman maatii isaanii sababa dhibee HIV’n dhaban tokkoo ijaaruun harka qalleeyyii baay’inni isaanii 100 ta’aniif uffannaa kennaniiru. Hogganaan biirichaa obbo Geetaachoo Baalchaa “rakkoowwan hawaasni keenya qabu hunda furuuf mootummaa qofa eeguu osoo hin taane hojii tajaajila lammummaatiin bakka mootummaan hin qaqqabnetti ga’uun hojiin bal’aa ta’e hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Biirchi dhaabbii Ashaaraa magariisaa, mana harka qalleeyyii suphuu fi harka-qalleeyyii uffisuun dirqama isaa ba’achuu irratti argamna, gara fuulfuraattis hojii kana fakkaatu cimsee itti fufa” jechuu isaanii ragaan Fuula Biirichaarraa argame ni muul’isa. Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama https://t.me/afanoromofana Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Read more