Barnoota dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa eegaluuf haaldureen xumuramu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FCB)- Barnoota dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa eegaluuf hojiin qophii duraa hojjetamu ibsameera.

Mariin weerara vaayrasii koroonaa ittisuufi barnoota dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa deebasiin jalqabuuf qophiiwwanii fi duubdeebii vaayrasiicharratti taasifama jira.

Barnoota saayinsii fi dhaabbilee olaanootti daayreektarri waliigala barnoota dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa Dooktar Gannanee Abbabaa, leenjistonnii fi hojjittonni deeggarsa laataan weerara vaayrasichaan akka hin saaxilamneef hojjetama jira jedhaniiru.

Meeshaalee qulqulliina yeroon dhiyeessuu fi naannolee 8ttitti meeshaalee qulqulliina xuxuqqiirra bilisa ta’aan 158 hojjeechuun dhiyeessineera jedhan.

Kanarra darbees dhaabbileen tokko tokkoo saanitaayzaraa fi samuuna hojjechuun hawaasaaf hojii deeggarsa taasisaniiru.

Akkasumaas intarpiraayzoonni haguugdu afaanii fi funyaanii kuma 200 hojjechuun gabaaf dhiyeessun fayyadamoo akka ta’an taasifameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment