Gibts miidiyaaleen biyyattii dhimma hidha haaromsaatti gabaasa akka hin hojjenne dhorkite

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2012 (FCB) – Gibts miidiyaalee biyya ishee dhimma Hidha haaromsaa, weerara vaayrasii koroonaa biyya keessaa fi walitti bu’iinsa Libiyaarratti gabaasa akka hin hojjenne dhorkuu beeksifte.
 
Manni Maree miidiyaalee Gibts dhimmoota kanarratti miidiyaaleen biyyattii gabaasa kamiiyyuu akka hin hojjenne ittisuu beeksiseera.
 
Akka ajaje Mana Maree miidiyaalee kanaatti miidiyaaleen biyyatti hundi dhimma Hidha Haaromsaa Guddichaarratti ibsa mootummaan laatuu ala gabaasa fi marii hidhicharratti taasifamu kamiiyyuu akka hin hojjenne dhorkamaniiru.
 
Miidiyaaleen maxxansaa biyyattii osoo hin maxxansiin dura qabiyyee isaanii qaama mootummaa dhimmichi ilaallatuuf dhiyeessuun gamaaggamaa fi eeyyama barreeffamaa osoo hin argatin maxxansuu akka hin qabne dhorkamaniiru.
 
Akka ‘Middle East Eye’ gabaaseetti biyyattiin tarkaanfii kana kan fudhatte faayidaa biyyaalessaa eegsisuufi jedhame.
 
Ummanni ibsa mootummaan taasisu ala gabaasa dhimma kanarratti miidiyaalee garaagaraa fi miidiyaalee hawaasummaan darbu hordofuurra akka of qusatan waamichi dhiyaachuu ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment