Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota Covid -19 qabamanii 103 ga’eera.
Naannichaa qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbetti namoota 887 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 11 argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oroomiyaa beeksise.
Umriin isaanii waggaa 5 hanga 60 yoo ta’u kooriniyaadhaan dhiira 5 fi dubartoota 6 ta’uu ibsameera.
Namoonni 5 magaalaa Adaamaa.
Namoonni 2 magaalaa Burraayyuu.
Namni 1 magaalaa Sabbataa.
Namni 1 Godina Shawaa Lixaa.
Namni 1 Godina Shawaa Bahaa.
Teessoon nama 1 qulqullaa’aa jira.
Naqmoonni 5 tuttuqaas ta’ee seenaa imala hin qaban.
Namoonni 6 ammoo namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabu.
Waliigala namoonni 20 dandamataniiru.
Namoonni 80 yaalarratti argamu.
Namoonni 3 lubbuun darbaniiru.
Dubartiin umrii waggaa 35 har’a duute, reeffasaarraa samuudaa fedhatameen kan mirkanaa’eedha.
Waliigala naannichatti erga baayrasiin kun muul’ate namoota kuma 9 fi 765 qorannoon laabraatoorii gaggeeffameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.