Finfinnee, Bitootessa 3, 2017 (FMC)- Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahman Magaalaa Mooyyaaleetti kutaalee hawaasa garaagaraa waliin mari’ataniiru.
Tajaajila Hospitaala jalqabaa fi babal’ina ijaarsaa hospitaalichaa, Gurmaa’iinsa caasaa Gandaa fi Mana Maree Gandaa, Mana Maree Magaalaa Mooyyaalee daawwachuun jaarrolee Magaalaa Mooyyaalee waliinis mari’ataniiru.
hawaasni Booranaa sirna Gadaa tiksee har’aan gahuu keessatti qooda olaanaa gumaachuun eerameera.
Aadde Sa’aadaan Sirna ijaaraa jirruu fi seera baafnu keessattis aadaa fi duudhaa ummata kanaa ka’uumsa godhannee Oromiyaa bal’oo biratti babal’suuf hojjechaa jirra jedhan.
Hawaasni Booranaa jiruu fi jireenya isaa fooyyeeffatee akka jiraatuuf, pirojektiiwwan misoomaa akka Finnaa horsiisee bulaa fi misooma qonnaa irrattis jalqabbiiwwan jiran agarsiiftuu imala badhaadhinaa ta’uu hubachiisaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas, hawaasa horsiise bulaaf xiyyeeffannoo kenne hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.
ummanni keenya mootummaa isaa cinaa dhaabbachuun hojii hojjetamaa jiru deeggaruu fi utubuun cimsuu akka qabu ibsuun, bakka rakkoon jirutti ammoo marii fi marabbaan hiikaa, qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
qooda fudhattoonni marichaas qindoominaan hojjechuu, walhubannaan mari’achuu fi obbolummaa dagaagsuun rakkoo jiru hiikuu irratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qabanis ibsaniiru.
Magaalaan Moyyaalee guddina ariifachiisaa irratti kan argamtu ta’uu eeruun, gaaffiin bu’uuraalee misoomaa karooraan deebii kan argatan ta’uu ibsuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.