Ayyaanni Mowuliidaa Magaalaa Jimmaa fi naannawaa isheetti kabajame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2017 (FBC) – Ayyaannii dhaloota Nabii Muhammad (S.A.W)kan bara kuma 1 fi 499ffaa Magaalaa Jimmaafi naannoosheetti sirna ho’aa ta’een kabajameera.

Ayyaanichii magaalaa Jimmaa Mooraa Masjiidaafi mana barumsaa Islaamaa Madrastulkayiriyyaa fi ganda Jireen bakka Qubbaa jehamutti bakka hordooftootni amantichaa argamanitti sirna ho’aan kabajameera.

Imaamni masjiida guddichaa Muniir she Mahammad Abbaa Tamaam mowulidni kan itti gammadaniifi hawaasni muslimaa nama hunda kan itti nyaachifatee sunnaa Nabii muhammad itti baafatu akka ta’a dhaamaniiru.

Abdurahmaan Mahammaditu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment