Kurfaa Calleetti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 2 darbe

Kurfaa Calleetti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 2 darbe

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC)-Godina Harargee Bahaa Aanaa Kurfaa Calleetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 2 darbuu Qajeelchi Poolisii Godinichaa beeksise.

Qajeelchichatti Itti Gaafatamaan Kutaa Kominikeeshinii fi Miidiyaa Gargaaraa Inispeektaraa Kaasiyyee Abbabaa FBC tti akka himanitti, balicha konkolaataa fe’umsaa Isuzuun Magaalaa Maayaarraa gara Magaalaa Furdaa imalaa osoo jiruu garagaluun kan mudatedha.

Sababa kanaan lubbuun namoota lamaa yoo darbu namoota 2 irra immoo miidhaan qaamaa cimaan gahuu himaniiru.

Ka’umsi balichaas namaa fi meeshaalee humnaa ol fe’uun, saffisaan konkolaachisuurraan akka ta’e dubbataniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment