Meeshaaleen waraanaa seeran ala imalaa ture to’atame

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) – Giddugala godina Goondar aanaa Taachi Armaacootti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa to’atame.
 
Meeshaaleen waraanaa kun Dhiha Goondar magaalaa Midir Gannatii gara magaala Goondar osoo imalaa jiruu to’atamuu ibsameera.
 
Sakkata’iinsa taasifameen Kilaashiin 37, rasaasni kilaashii kumni 9 fi 277 fi Kaasnaan kilaashii 21 to’atameera.
 
Akka waajjirri Koominiikeeshinii aanichaa beeksiseetti, konkolaachisaa fi shakkamaan tokko to’annoo jala oolaniiru jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment