Obbo Tamasgeen Xurunaan Gambeellaatti sochii dhaabbata invastimantii albuudaa daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC)– Ministirri Muummee Ittaanaa Tamsageen Xurunaan Naannoo Gaambeellaa Aanaa Diimaatti sochii dhaabbata albuudaa Itinoo Akooboo daawwataniiru.

Daawwannicharratti Obbo Tamasgeen Xurunaa, Pireezidaantii Naannichaa Obbo Umod Ujuluu, Ministiraa Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi dabalatee qondaaltonni biroon hirmaataniiru.

Haala sochii waliigala dhaabbatichaarratti Hoji Raawwachiisaan Dhaabbatichaa Obbo Tasfaayee Madihaaneen ibsa kennaniiru.

Dhaabbatichi yeroo ammaa sadarkaa gaariirratti akka argamuu fi dhiyeenyatti hojii akka eegalu ibsaniiru.

Daawwannichatti dabalataan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu dhaabuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni  mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment