Yuunivarsiitichi bara kana Qorannoowwan adda addaa 80 hawaasa biraan gahuu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 21, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiin Haramayaa Bara kana Qorannoowwan adda addaa 80 hawaasa biraan gahuu beeksiseera.
Yuunivarsiitichi Kora Gamaaggama Qorannoo fi Hirmaannaa Hawaasaa marsaa 41ffaa mata duree ” Dandamannaa Hawaasaa Guddisuu , Hojmaata Qonnaa, Soorataa fi Fayyaa Fooyyessuu”jedhuun gaggeessaa jira.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Haramayaa Dooktar Jamaal Yuusuuf Yuunivarsiitichi hojii baruufi barsiisuun cinaatti hojii qorannoo fi qo’annootiin guddina hawaas diinagdee biyyaa keessatti gahee isaa bahataa jiraachuu eeraniiru.
Dameen Qonnaa fi Fayyaa hojii Yuunivarsiitichi qorannoon deeggaree irratti hojjetaa jiru ta’uu ibsaniiruu.
Bara kana qofa qorannoowwan adda addaa 46 xumuramuun hawaasa bira gahuu Itti Aanaan Pireezidaantii Dhimma Qorannoo Hirmaannaa Hawaasaa Dooktar Isaaq Yuusuuf himaniiruu.
Damee Fayyaan hawaasa fayya qabeessa horachuuf qorannoo fi tajaajilli fayyaa Hospitaala Hunda galeessa addaa Ispeeshaalaayizdii Hiwot Faanaan namoota kuma 400 oliif kennaa jiraa.
Yuunivarsiitichi Tajaajila seera bilisaan wal qabatee Aanaalee Godina Harargee Bahaa fi Harargee lixaatti bufaataalee 53 keessatti namoota kuma 120 oliif kennaa jiraachuu ibsameeraa.
Oomishtummaa damee qonnaa dabaluuf bara kan sanyiiwwan qorannoon adda bahan Midhaan adda addaa Kuntaala kuma 4 fi 500 qonnaan bulaa bira gahuu himameeraa.
Korichaan qorannoowwan hayyootaa gaggeeffaman kan dhiyaatan yoo ta’u Ministir Deetaa Ministeera Innooveshiiniifi Teeknooloojii Dooktar Fatihaa Muhaammad dabalatee hooggantoonni Sadarkaa Federaalaa fi Naannoo biroos argamaniiruu.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
Comments (0)
Add Comment