Pireezidaanti Putiin karoora Chaayinaan waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen karaa nagaan furuuf dhiyeessite kan fudhatan ta’uu ibsan

Finfinnee, Caamsaa 7, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin karoora Chaayinaan waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen karaa nagaan furuuf dhiyeessite kan fudhatan ta’uu ibsaniiru.
Pireezidaanti Putiin daawwannaa hojiif guyyoota lamaaf Boru Chaayinaa Beejiingi ni galuun eegama.
Putiin erga filannoo Pireezidaantummaa gaggeeffame injifatanii booda biyyoota alaatti daawwannaa jalqabaa taasiisu jedhame.
Gita isaanii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin dhimmoota waloo fi idil addunyaarratti ni mari’atuun eegama.
Dhimmi waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen, akkasumas gurgurtaan anniisaa ajandaa marii ijoo hoggantoota kanneenii ta’uu ‘Al Jazeera’n gabaaseera.
Chaayinaan waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti uumameef furmaata waaraa ni fida kan jette karoora nagaa abbaa fuula 12 dhiyeessuun kan yaadatamuudha.
Comments (0)
Add Comment