Finfinnee, Caamsaa 3, 2016 (FBC) – Godinaalee Naannoo Oromiyaa balaa lolaaf saaxilamoo ta’anitti hojiileen dursanii Ittisuu hojjetamaa jiraachuu Buusa Gonofaa Oromiyaan beeksisee.
Inistiityuutiin raaga haala qilleensaa akka beeksiiseetti naannoolee Oromiyaa Godinaalee garaagaraa keessatti Roobni Arfaasaa fi Gannaan idileen olii Roobu hordofee balaan lolaa mudachuu akka danda’uu ibsameera.
Godinaalee Gammoojjii kanneen akka Godina Boorana Bahaa , Godina Gujii, Gujii Lixaa, Godinaa Baalee ,Godina Arsii, Harargee Lixaa fi Bahaa, Arsii Lixaa fi Godina Shawaa Bahaa, Lixaa fi Kibba Lixaa Aanaalee hedduun balichaaf saaxilamuu akka danda’u eerameera.
Iddoolee balaa lolaaf saaxilamoo ta’an hojiin adda baasuu hojjetamuu Ittaanaa Hoggaanaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa Dooktar Mallicha Loojeen Faana Biroodkastingi Korpooreetif himaniiru.
Haalumaa kanaan Buusaa Gonofaa haal dureewwan hedduu hojjechaa jiraachuu Dooktar Mallicha Loojeen ibsaniiru,
Hanga ammaattis hojiin akkeekkachiisa duraa kanneen akka hubannoo uumuu fi maloota ittisaa hawaasaf kennamuu eeraaniiru.
Rooba jala dheensuu qofa osoo hin taane rooba argame hojiin cimmisuu/kuusuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hawaasni hojiilee akka bollaa qotuu fi kanneen biroos hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessattuu Naannawaa laga Awaashitti balaa lolaa mudachuu danda’u dursanii ittisuuf hojiin bo’oo lolaa babal’isuu fi kanneen biro Ministeera Bishaanii fi Inarjii akkasumas qaamoolee dhimmichi ilaallatu biroo waliin qindoominaa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.