Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) –Godina Baalee Magaala Roobeetti Hiriirri deeggarsaa Injifannoo Bitootessa 24 mata duree ”Nageenya keenya ni eegganna, jijjiirama ni waaressina” jedhuun gaggeeffameera.
Hiriira kanarratti Abbootiin gadaa, Abbootiin amantaa, Jaarsoliin biyyaa, haadholiin siinqee fi Qeerroo fi Qarreen argamaniiru.
Jiraattonni Magaalaa Roobee fi Aanaalee Godina Baalee irraa hiriira guyyaa har’aa kanarratti hirmaatan injifannoo Bitootessa 24 irree tokkummaatiin gonfanne kana, nageenya keenya eeggachaa jijjiirama dhufes ittifufsiisuuf qophii ta’uu dubbachuu ragaan Kominikeeshinii magaalaa Roobeerraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment