Hawaasaa Magaalaa Asoosaa waliin mari’atame  

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Marii hawaasaa Magaalaa Asoosaatti gaggeeffameerratti hirmaataniiru.
 
Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti Pireezidaantii itti Aanaa Naannoo Amaaraa Dooktar Abduu Huseen fi Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Beenishaangul Gumuz Obbo Isaaq Abdulqaadir waliin ta’uun magaalaa Asoosaatti hawaasa waliin mari’ataniiru.
 
Mata duree “Obbolummaa Sabdaneessa Nageenya Waaraa fi Badhaadhina Hunda Galeessaaf” jedhuun gaggeeffamerratti, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaafi bakka bu’oota hawaasa adda addaa Naannoo Benishaangul Gumuz waliin mari’achuu himan.
 
Paartiin Badhaadhinaas marii hawaasa waliin taasisaa jiru jabeessuun, ummata waliin walhubannaa uumee badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waadaa isaa jabeessaa fi cimsaa kan adeemu ta’uu ibsaniiru.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment