Horanni Horsiisee Bulaa Akkamiin Deebana?

Horsiisee bulummaan mala jireenyaa lafa bal’dhaafi ummata hedduu uwwisuudha. Akka Naannoo Oromiyaatti, godinaalee sagal, aanaalee 45 fi gandoota 860 keessatti namoonni mil. 5 ol ta’an jiruufi jireenya isaanii guutumaan guutuutti ykn gar-tokkeedhaan horsiisee bulummaa irratti hundeeffataniiru.

Lafti %43 fi beeyladni %40 akka naannootti qabnus naannawa kanati argama. Hawaasni bal’dhaan kun osoo humna dinagdee ta’uu qabuu, baroota dheeraaf rakkoo hamaa keessa turuuf dirqamee ture. Lafa bal’dhaafi mataa beeyladaa hedduu lakkaawus, fayidaan argachaa ture hedduu gadi aanaadha.

Mootummaan Jijjiiramaa keenyaas, rakkoo hawaasichaa furuurra taree, horsiisee bulummaa gara madda humna dinagdeetti ceesisuuf tarsiimoofi sagantaalee yeroo dheeraafi gabaabaa bocuun hojiiti seenee jira. Torri xiyyeeffannoo tarsiimoo keenyaa sadi:- bu’uuraalee misoomaa baayinaa, qulqullinaafi ariitiin ijaaruu, lafa banaa dheedumsaa misoomsuufi cehumsa jiruufi jireenya horsiise bultootaa dhugoomsuudha. Ittaansuun toora xiyyeeffannoo sadan haa’ilaallu:

1. Babaldhisa Bu’uuraalee Misoomaa
Bu’uuraaleen kunneen, buufata fayyaa/kiliinika akkasumas bishaan dhugaatii namaafi beeyladaa, daandii, gabaa beeyladaa, manneen barnootaa, mana kuusaa nyaata beeyladaafi kkf hammatu. Haata’uutii babal’dhina bu’uuraalee misoomaa naannawa kanaaf qabanne milkeessuuf gosoota gufuu lama mo’achuun dirqama.

Inni duraa, akka biyyaattis ta’ee akka naannootti, tamsa’inni bu’uuraalee misoomaa gadi aanaan naannawa kanatti waan argamuuf, hojii jiruu hawaasichaa biratti hiika qabu raawwachuuf piroojektoota hedduu qabannee milkeessuu qabna. Mootummaan dirqama kana hubatee hanqina baajataa, beekumsaa/ogummaafi humna namaa waliin waldhaansootti jira.

Inni lammaffaa, piroojektoota raawwachuu qofa osoo hin taane, amala qilleensaa rakkisaafi faca’iinsa buburree hawaasichaatiin walsimsiisuuf tattaaffii cimaan taasifamaa jira.

Asirratti wanti hubatamuu qabu, bu’uuraalee misoomaa diriirsuu qofa osoo hin taane, akka barbaadameen akka itti fayyadaman hojiin hubannoo hawaasaa cimsuu (advocacy) hojjetamaa jira.

2. Misooma Lafa Banaa Dheedumsaa
Hojiin misooma lafa banaa dheedumsaa, karaa lamaan kan ilaalamu ta’a. Inni duraa lafa banaa dheedumsaa bal’dhinaan kunuunsuudha. Lafti kun gogiinsa, lolaa, sochii beeyladaafi haala teessuma isaa irraa kan ka’e, mancaatiif saaxilamaadha. Kanaafuu, hojii eegumsaafi kunuunsa qabeenya umamaa bal’dhinaan raawwachaa jirra.

Gama biraatiin, mala saayinsaawaafi teknoolojii fayyadamuun omisha marga beeyladaa bal’dhinaan misoomsaa kan jirru yoota’u, filannoo jireenya hawaasichaa bal’dhisuuf ammoo qonni qamadii jallisii babal’dhisaa jirra.

3. Cehumsa Jiruufi Jireenyaa
Duraan dursee cehumsa jiruufi jireenya horsiisee bulaa yoojennu, mala jireenya horsiisee bulummaa gara biraatti jijjiirra jechaa hinjirru. Hojiin kun kallattii sadi qaba.

Inni duraa fayidaa horsiisaa guddisuudha. Kana yoo jennu dhiyeessii sanyii loon fooyya’aa, tajaajila fayyaa beeyladaa, nyaataafi teknoolojiitti dhimma bahuun oomishtummaa guddisuudha.

Guddina oomishtummaa argamu irraa ka’uun, daldala beeyladaa (qarshiitti jijjiiruu), qusannaafi liqii babal’dhisuun gara invastimentiitti ceesisuuf hojjetamaa jira. Asirratti rakkoo to’annoo daldala seeran alaa beeylada dhaabbii furuun waan beellama hin barbaanne ta’uu hubachiisuun barbaada.

Lammaffaa, waqtii tajaajila barnootaa, yaaliifi kkf, haala qilleensaafi waqtiiwwan naannaawichaa waliin walsimsiisuun itti fayyadama hawaasichaa guddisuuf hojjetamaa jira. Sadaffaa, jiruufi jireenya hawaasichaa guyyaa guyyaa gara hawwata turistiitti fiduun fayidaa dabaluuf qophii taasisaa jirra.

Mootummaan tarsiimoofi sagantaalee toora sadi jalatti qoodaman kanneen qabatamaan lafa qabsiisaa jira. Akka fakkeenyatti dhiyeessii bishaani yoofudhanne, piroojektii Hidha Finnaa Oromiyaa 73 ta’an keessaa 35, baajata bir. bil. 10 oliin naannawa kanatti hojjetamaa jiru.

Hojii kanaanis bu’aa qabatamaan argamaa jira. Fuldurattis, muuxannoo hanga ammaa irraa barnoota fudhachuun piroojektoota keenya karaa qindaawaa ta’een raawachuun ummata keenya naannawa kana jiraatu, jireenya isaa fooyyessuurra darbee guddina naannoofi biyya keenyaa keessatti shoora isaa akka taphatu dandeessisuuf kan hojjennu ta’a!

Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment