Jilli Obbo Eeliyaas Kadiriin durfamu Godina Harargee Bahaatti hojiiwwan Loon mala namaan Rimaa qabsiisuuf qophii kompoostii Aanaa Meettaatti hojjetamaa jiru daawwate

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Obbo Eeliyaas Kadir durfamu Godina Harargee Bahaatti hojiiwwan Loon mala namaan Rimaa qabsiisuuf qophii kompoostii Aanaa Meettaatti hojjetamaa jiru daawwateera.

Akka godina Harargee Bahaatti bara kana Loon kumni 78 fi108 mala namaan diqaalomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Dabalataanis, akka Godina Harargee Bahaatti fayyummaafi gabbina biyyee dabaluuf xaa’oo uumamaa kompoositi idilee m3 miiliyoona. 9.2 qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiruufi horsiifni lukkuu daawwatameera.

Obbo Eeliyaas hojiilee gaarii mala namaan loon diqaalomsuufi qophii kompoostii idileerratti kilaasteraan hojjetamaa jiru daawwachuun jajjabeessuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment