Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti poolisoonnifi namootni hiriira mormii bahan walitti bu’an

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) – Ameerikaatti poolisoonnifi namootni hiriira mormii bahan walitti bu’an.

Poolisiifi namootni erga namni gurraachi poolisiin rukkutamee dheekkamuun hiriira mormii bahan Ameerikaa kutaa bulchiinsa Kenoshaa, Wiskoonsin, keessatti guyyaa 2ffaaf walitti bu’an.

Poolisiin nama gurraacha Jeekob Bileek jedhamu erga rasaasaan rukuteeti mormiin kun kan jalqabe.

Namni rasaasaan rukkutame fayyaan isaa amma haala yaaddessaa keessa akka hintaane himameera.

Poolisiin yeroo namni kun didee konkolaataa isaa keessa seenuuf jedhu irra deddeebiin rasaasaan rukute.

Bulchaan naannichaa Toonii Eversi humna biyyaalessaa poolisii naannoo akka gargaraaniif waameera.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.