Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti Obomboleettii hamaa rooba makate mudateen lubbuun namoota 30 darbe

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC) – Ameerikaa Kutaa bulchiinsa Kaaba Kaaroolaayinaatti Obomboleettii hamaa rooba makate mudateen lubbuun namoota 30 darbuu gabaafame.

Balaan kun Filooriidaa dabalatee kutaalee Ameerikaa garaagaraatti mudachuu ibsameera.

Obomboleetti cimaan Kaaba Kaaroolaayinaa magaalaa Ashiviilitti mudate miidhaa jabaa qaqqabsiisuu Abbaa Taayitaa Balaa Tasaa kan ta’an Raayyaan Kool himaniiru.

Balaa Kamisa darbe bulchiinsa Filooriidaatti mudateen lubbuun namoota 105 darbuu eeraniiru.

Namoonni kumni 1 ol achi buuteen isaanii kan hin argamne ta’uu BBCn gabaaseera.

Manneen jireenyaa hedduu dabalatee qabeenyi baay’een barbadaa’uu himameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.