Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti namoonni miiliyoona 20 ta’an vaayrasii koroonaan qabamuu hin oolan jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Ameerikaatti namoonni miiliyoona 20 ta’an vaayrasii koroonaan qabamuu hin oolan jedhame.
 
Gidduugalli To’annoo fi Ittisa Dhibee Ameerikaa (CDC) lakkoofsi dhugaan namoota vaayrasichaan qabamanii harka kudhan kan amma gabaafamee caaluu akka malu ibseera.
 
Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii akka malee dabaluu isaatiin,bulchiinsi Teksaas dhorkama kaasuuf murteesse dhiisuu beeksiseera.
 
Ameerikaatti Namoota miiliyoona 2 fi kuma dhibba 5 fi kuma 4 fi 676 vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni dhibba 1 fi kumni 26 fi 785 lubbuun darbaniiru.
 
Kutaalee Bulchiinsa Ameerikaa Kibbaa fi Lixaatti ammallee dhibeen kun daraan hammaataa jiraachuu ibsameera.
 
Hammi namoota vaayrasichaan qabamanii guyyaan dabalaa jiraachuu himameera.
 
Biyyattiitti qorannoon gaggeeffamaa kan jiru namoota mallattoo dhibichaa agarsiisan qofarratti ta’uu ibsameera.
 
Namoota mallattoo hin agarsiifnerratti qorannoon osoo gaggeeffame biyyattiitti namoonni vaayrasichi irratti argamu miiliyoona 20 caaluu akka danda’u ibsameera.
 
Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid -19 qabamanii miiliyoona 9 fi kuma dhibba 7 fi kumaa 16 fi 824 yoo ta’u, namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 91 fi 901 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Namoonni miiliyoonni 5 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 51 fi 625 dhibicharraa dandamataniiru.
 
Namoonni kumni 57 fi 391 wallansa cimaa keessatti argamu.
Madda:-BBC fi Worldometer
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.