Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti manneen nafa si’eessan keessatti dhukaasa banameen lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Bitootessa 8, 2013 (FBC) – Ameerikaa kutaa bulchiinsa Atlaantaa,Joorjiyaa keessatti dhukaasa manneen nafa si’eessan(spa) garaagaraa sadiirratti banameen dubartoota jaha dabalatee namoonni saddeet ajjeefamaniiru.
Kooriyaan Kibbaa kanneen ajjeefaman keessaa afur dhallatootta biyya ishee ta’uu beeksifteeti.
Dargaggoon waggaa 21 haleellaawwan kanneen raawwachuun shakkame to’annoo jala ooluu aanga’oonni biyyattii ifoomsaniiru.
Ka’umsi haleellaa kana hanga ammaatti hin beekkamne jedhame.
Yaata’uutii weerara Covid-19 kan raabse warra Eeshiyaati jette jettee jedhurraa kan ka’e lammiilee Ameerikaa dhallatootta ykn hidda Eeshiyaa qaban irra yakki jibbinsaa raawwatamu ji’a kana keessa akkaan dabaleera.
Preezdaant Joo Baayidan ibsa torbe darbe laataniin yakka jibbiinsaa lammiilee Ameerikaa dhallatootta ykn hidda Eeshiyaa qaban irra ga’u balaaleffataniiru.
Maddi:-BBC, CNN fi Washingotn Post
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.