Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabaman miiliyoona 2 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) – Ameerikaatti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin qabaman miiliyoona 2 darbe.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa Ameerikaatti  muul’achuun isaa erga mirkanaa’en booda lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabaman miiliyoona 2 darbuu ragaan Yuunivarsiitii Joohins Hoopkiins  ni muul’dhisa.
 
Ameerikaatti yeroo ammaa namoonni dhibichaan qabaman miiliyoona 2 ol ta’uun adduunyaarrratti biyya jalqaba akka taatu taasiseera.
 
Lammaffaarratti kan argamtu Braaziil ammoo weerarichaan namoonni kuma dhibba 7 fi kuma 72 fi 400 ol ta’an saaxilamaniiru.
 
Ameerikaatti guyyaadhan qorannoo vaayrasii koroonaa namoota kuma 500f taasifamu keessaa namoonni kuma 20 ta’an vaayrasichaan ni qabamu.
 
Ameerikaan lakkoofsa olaanaa namoota vaayarsichaan qabamaniinis ta’e, du’an jalqabarra jirti.
 
Hanga ammaatti biyyattiitti vaayrasichaan lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 12 fi 878 darbeera.
 
Kun isa olaanaa ta’us, lammaffaan kan isheetti aantuu Ingiliiz lubbuu lammiileeshee kuma 41 fi 213 dhabdeetti.
 
Sadaffaarra kan jirtu Braaziil ammoo lubbuu lammiileeshee kuma 39 fi 680 dhabdeetti.
 
Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii miiliyoona 7 yoo darbu, lubbuun namoota kuma dhibba 4 fi kuma 16 darbeera.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
 
 
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.