Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koronaan qabamanii miiliyoona 100 darbuu ibsame

Finfinnee, Mudde 12,2015(FBC)-  Ameerikaatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koronaan qabamanii miiliyoona 100 darbuu ibsame.

Akka gabaasa John Hopkinsitti ,biyyattiitti waggoottan sadan darban keessa hangi namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoona 100 fi kuma dhiibbaa 2 fi 248 yoo ta’u,lubbuun laammiilee miiliyoona 1 fi kuma  88 ol vaayirasichaan darbuu eerameera.

Hanga namoota vaayirasichaan qabamaniin bulchiinsonni Kaaliforniyaa,Teeksaasiif Filooridaa sadarkaa1ffaa hanga 3ffaarratti kan argaman ta’uuu CGTN gabaaseera.

Biyyaattiitti lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman keessaa % 70 ol gosa vaayirasii koronaa Omiikironiin ta’uun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.