Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti Ityoophiyaa yakka ‘Duguggaa Sanyiitin’ seerrii gaafachuuf yaadame ture haqame

Finfinnee, Muddee 7, 2014 (FBC)- Ameerikaatti Ityoophiyaa yakka ‘Duguggaa Sanyiin’ seerrii gaafachuuf seerrii yaadame ture haqameera.

Ityoophiyaa yakka duguggaa sanyiin/Genocide/ gaaffachuuf Biiroo Seeneetii Ameerikaan kan yaadame #HR-4350 keessatti keeyyanni 6464 wixinee keessaa haqamuu himame.

Kaawunsiliin Siviikii Ameerikaanoota Ityoophiyaa guyyaa kaleessaa Hoggantoota Olaanoo Ameerikaa waliin walgahii gaggeessee waliin walqabatee Seenaatarri Jiim Inhoof, odeeffannoo Kaawunsilichaaf erganiin keeyyatichi haqamuu beeksisaniru.

Ityoophiyaa yakka duguggaa sanyiin /Genocide/ gaaffachuuf Biiroo Seeneetii Ameerikaan kan yaadame #HR-4350 keessatti keeyyanni 6464 wixinee keessaa (#Determination of potential Genocide or crimes Against Humanity) kan jedhu guutummaa guutuutti seerichaan haqamuu kaawunsilichi ifoomseera.

Kana haquuf guyyaa kaleessaa walgahii olaanaa Seeneetarii Jiim fi kaawunsilii siviikii gidduutti ajandaa ta’ee walfalmiin akka irratti taasifame kaawunsilichi beeksiseera.

Preezdaantiin Kaawunsilii Siviikii Ameerikaanoota Ityoophiyaa Diyaaqoon Yooseef Tafarrii Seeneetarii Jamsi inhofiif #Isin michoota guyyaa gaafa rakkoo fi maqaa Ityoophiyaanoota Ameerikaanootaan akkasumas deeggartoota diyaaspoorootaan hundaan baay’ee isin galateeffadha jechuun deebii kennaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.