Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti hiriirri mormii Wixineewwan seeraa HR 6600 fi S 3199 gaggeeffamuufi jedhame

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) – Ameerikaa Magaalaa Waashingitan DC fi Loos Anjalasitti hiriirri mormii Wixineewwan seeraa HR 6600 fi S 3199 gaggeeffamuuf ta’uu ibsame.
Guyyaa boruu Waashingitan DC Masaraa Adii (Waayit Hawus) fuulduratti kan gaggeeffamu ta’uu qindeessitoonni hiriirichaa ibsaniiru.
Hiriirri mormii kun ‘wixineewwan Seeraa HR 6600 fi S 3199 jedhaman Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanoota kan miidhan, hariiroo biyyoota lamaanii kan hin madaalle, wixineewwan seeraa kunneen haqamuu qabu’ mata dureewwan jedhamaniin kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.
Hiriira kanarratti lammiileen Ityoophiyaa fi michuuwwan Ityoophiyaa ni hirmaatu jedhame.
Hiriirri mormii kunneen Boruu eegalee magaaloota Ameerikaa garaagaraa keessatti kan itti fufu ta’uu eerameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.