Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti HHGf  guyyaa tokkotti Doolaarri kumni 70 ol walitti qabame

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC)- Ameerikaa Waashingitan Dcitti Hidha Haaromsa Ityoophiyaa Guddichaaf  guyyaa tokkotti Doolaarri kumni 70 ol walitti qabamuu ibsame.

Deeggarsi hidhichaaf gama marsaratii (www.mygerd.com) walitti qabame Doolaarri Kumni dhibbi 3 fi kumni 10 olis mootummaatti galii taasifamuu eerameera.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Injinar Silashii Baqqalaa Sagantaa hidhichaaf galii walitti qabuu Imbaasii Ityoophiyaa Waashingitan Dcitti qophaa’erratti argamuun haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaafi dhalattoonni Ityoophiyaa hidha guddicha haaromsa Ityoophiyaaf maallaqaan, beekumsaan,qorannoofi dameewwan garaagaraan deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru.

Hanga ijaarsi hidhichaa xumuramutti qaamoleen hundi deeggarsa taasisan akka itti fufaniif gaafataniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ergamaan dhaabbii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Asqatsillaaseen gamasaaniin, faayidaa hunda galeessa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa abjuu jijjiiramaafi guddina Ityoophiyaaf oolchuu qabna jedhaniiru.

Hirmaattonni sagantichaa deeggarsa hidhichaaf taasisan cimsan itti fufuu akka qaban dhaamaniiru.

Saganticharratti qaamaafi gama viidiyoo konfiransiin hirmaattonni 200 hirmaachuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.