Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti diimookiraasiin dhundhula adeemaa jiraachuu qorannoon ifoomse

Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC) – Ameerikaatti diimookiraasiin dhundhula adeemaa jiraachuu qorannoon gaggeeffame ifoomse.
Chaayinaa Yuunvarsiitii Reenmiinitti Inistiityuutiin qorannoolee qabeenya diinagdee Choong Yaangi Diimookiraasii Ameerikaa ilaalchisee qorannoo taasiiseen Diimookraasiin Ameerikaa dhundhula adeemaa jiraachuu ifoomseera.
Akka qorannoo Inistiityuutichaatti Ameerikaan waggoota dhiyoo as sarbama mirga namoomaa uwwisuuf fi Ameerikaanoota bittinneessuuf Diimookiraasii akka meeshaatti fayyadamteerti.
Ameerikaan Olaantummaa biyyoota alaarratti qabdu itti fufsiisuuf seera idil addunyaa cabsuun dhimmoota keessoo biyyoota alaa gidduu seenuun Diimookiraasii burkuteessaa jiraachuu qorannichi ifoomseera.
Mana Barumsaa Dippiloomaasii Jeeneevaatti Proofeessarri seera idil addunyaa Alfireed Dii Zaayaas gama isaaniin wayita oduun sobaa, Seenaan dogoggoraa fi Dippiloomaasiin dogoggoraa fudhatama argachaa jirutti Diimookiraasii waliin dhahame arguun waan ajaa’ibsiisaa miti jedhan.
Gabaasni Inistiityuutii deeggarsa Filannoo fi Diimookiraasii idil addunyaa Sadaasa 22 baase hojiirra oolmaan Diimookiraasii Ameerikaa dhundhulaa jiraachuu muul’isa jedhan Proofeesarichi.
Lammiileen Ameerikaa odeeffannoo sirrii argachuuf mirga hin qaban, fedhii fi ilaalcha isaanii ibsachuu hin danda’an jedhan.
Mirga Diimookiraasii sarbamuun ala, mootummaa fi dhaabbileen miidiyaa biyyattii karaa gurmaa’een olola sobaan hawaasa biyyattii irra deddeebiin burjaajessaa jiru jedhan.
Wayita diimookiraasiin guddataa jirutti Niwuu Yoork Taayimsi, Waashiingitan Poost dabalatee miidiyaaleen Ameerikaa olola oomishaa jiraachuu Miidiyaalee idil addunyaa qeequun kan beekkaman Naa’am Choomsikiim ibsaniiru.
Kun ammoo Diimookiraasiin Ameerikaa sarara sirriirra imalaa akka hin jiraanne agarsiiftudha jedhan.
Maddi:-CGTN
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.