Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti addurroonni 2 vaayrasii koroonaan qabamuu mirkanaa’e

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Ameerikaa magaalaa Niiw Yorkiitti adurreewwan 2 vaayrasii koroonaan qabamuu isaanii qorannoon mirkanaa’e.
 
Vaayrasiin kun Adurreewwan kunneenirraa gara namaatti darbuu fi dhabuun isaa wanti qorannoon mirkanaa’e hin jiru jedhame.
 
Ameerikaatti vaayrasiin kun adureerratti argamuun isaa isa jalqabaati jedhame.
 
Vaayrasiin kun maatii yookiin ollaarraa adurreewwan kunneen qabuu akka hin oolle Giddu Galli To’annoo fi Ittisa Dhibee Ameerikaa ibseera.
 
Adurreewwan kunneen mallattoowwan dhibichaa salphaa kan agarsiisan yoo ta’u, yeroo gabaabaa keessatti ni dandamatu jedhan Dooktaroonni biyyattii.
 
Kanaan duras Qeerransi shanii fi Leenci sadi Paarkii Niiw York keessatti, Sareen 2 ammoo Hong Kong keessatti vaayrasii Koroonaatiin qabamuun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.