Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan, Yuukreeniif deeggarsa waraanaa Doolaara miiliyoona 425 kan taasiiftu ta’uu beeksifte

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2017 (FBC) – Ameerikaan, Yuukreen cimsuuf kan oolu deeggarsa waraanaa Doolaara miiliyoona 425 kan taasiiftu ta’uu beeksifte.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan marii bilbilaan Pireezidaantii Yuukreen Vooloodiimiir Zeleniskii waliin taasiisanirratti deeggarsa kana ifoomsaniiru jedhame.

Ameerikaan Yuukreen cimsuuf deeggarsa meeshaalee Ittisa Qilleensaa, tajaajila waraanaa fi meeshaalee waraanaa biroo kan taasiiftu ta’uu Pireezidaanti Joo Baayidan mirkaneessaniiru.

Deeggarsi kun Yuukreen Raashiyaa injifachuuf karoora haaraa baafatte kan milkeessuudha jedhame.

Dabalataan Pireezidaanti Joo Baayidan Yuukreen caalmaatti cimsuuf baatii Sadaasaa dhufu keessa hoggantoota waraanaa Yuukreen waliin marii taasiisuuf beellama qabachuu isaanii NHK fi CGTN gabaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.