Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Yuukireeniifi biyyoota ollaaf deeggarsa meeshaa waraanaa Doolaara biiliyoona 2.2 taasisuufi

Finfinnee, Qaammee 4,2014(FBC)- Ameerikaan Yuukireeniifi biyyoota ollaaf deeggarsa meeshaa waraanaa dabalataa Doolaara biiliyoona 2.2 taasisuuf waadaa galuu gabaafame.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan magaalaa Guddoo Yuukireen Keeyiivitti daawwannaa hojii taasisaniiru.

Turtiisaaniin Pireezidaantii biyyattii Viilaadmiir Zeelaniiskiifi anga’oota olaanoo biroo biyyattii waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin deeggarsa meeshaa waraanaa dabalataa Doolaara biiliyoona 2.2 mootummaan Ameerikaa Yuukireeniifi biyyoota olla 18’f taasisu irratti mari’achuu ibsameera.

Kaayyoon deeggarsichaa yaaddoo Raashiyaan Yuukireen, biyyoota ollaasheefi naannawaasanarratti uumuu dandeesssu dandamachiisuuf ta’uu eerameera.

Deeggarsa meeshaa waraanaa Doolaara biiliyoona 2.2 keessaa Doolaarri biiliyoonni 1 mootummaa Yuukireeniif kan kennamu ta’uu ibsameera.

Deeggarsi hafe Albaaniyaa, Boosniyaa, Bulgaariyaafi Kirooshiyaa dabalatee biyyoota olla Yuukireen 18’f kan kennamu ta’uu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.