Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Yuukireeniif misaa’ela kenninaan ofin ittisa jette Raashiyaan

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Ameerikaan Yuukireeniif misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamu yoo kennite, filmaata kamiyyuu akka fayyadamtu Raashiyaan akkeekachiifte.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariyaa Zaakaarivaas akka jedhanitti, Ameerikaan seera idil addunyaa caabsuun Yuukireeniif deeggarsa daangaa hinqabne taasisuun yakka hojjechaa jirti jedhan.

Waashiingitan gochaa ishee kana cimsitee kan itti fuftu fi kiyeeviif misaa’ela fageenya dheeraa kan dhiyeesitu yoo ta’e, sarara diimaa darbaa jiraachuu fi waraanicha irratti kallattiin hirmaachaa akka jirtutti lakkoofna jedhaan.

Mooskaan birmadummaa ishee kabachiisuuf filmaata of ittisuu kamiyyuu fayyadamuuf akka dirqamtu dubbi himichi beeksisaniiru.

Maariyaa Zaakaarivaas, Ameerikaan hanga ammaatti rookeettiiwwan M-142 fi M-270 jedhaman qiyyaafannoowwan kiiloomeetira 70’rratti argaman rukutuuf dandeessisan Yuukireeniin hidhachiisuu ishee ibsuu isaanii RT’n gabaaseera.

Ameerikaan dhimma walitti bu’iinsa Raashiyaa-Yuukireen keessa seenuun naannawicha jeequuf fedhii akka qabdu kan argisiisu ta’uu ibsanii, naannawichaatti dorgommii meeshaalee waraanaa hinbarbaachifne keessa seenuu ishees eeraniiru.

Yuukireen meeshaa waraanaa Ameerikaadhaan hidhachiifamteen halleellaa raawwatamuuf tarkaanfii deebii kennuuf qophii barbaachisaa taasisuu ishee beekifteetti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.