Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan yeroo dhiyootti meeshaalee waraanaa farra humna qilleensarraa Yuukreeniif ni ergiti-Peentaagon

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015(FBC)- Ameerikaan yeroo dhiyootti marsaa jalqabaaf meeshaalee waraanaa farra humna qilleensarraa 2 gara Yuukreenitti kan ergitu ta’uu ibsite.

Haleellaa xiyyaara nam-maleeyyiifi miisaa’elaa Raashiyaan Yuukreen irratti raawwattu qolachuuf Waajjirri Ittisaa Ameerikaa meeshaalee farra haleellaa humna qilleensarraa  Yuukireeniif kennuuf waadaa galuu ibsameera.

Amerikaan meeshaalee waraanaa farra humna  qilleensarraa  fageenya  dhiyoofi  giddugaleessaa 8 Yuukreeniif erguuf murteessuu dubbii himaan Mana Maree Nageenyaa Ameerikaa Joon Kirbiin ibsaniiru.

Meeshaalee waraanaa farra humna qilleensarraa Ameerikaan Yuukreeniif kennuuf waadaa seente kanneen keessaa 2 yeroo dhiyootti Yuukreen kan qaqqabu ta’uu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.