Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan yakki hidhattoota ABUTtiin lammiilee nagaa fi dhaabbileerra ga’aa jiru kan ishee yaaddesse ta’uu ibsite

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Ameerikaan yakki sarbama namoomaa hidhattoota garee shororkeessaa ABUTtiin lammiilee nagaa fi dhaabbileerra ga’aa jiru kan ishee yaaddesse ta’uu ibsite.

Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa ibsa halkan edaa baaseen hidhattoonni garichaa yakki hammataan garaa jabinaa lammiilee nagaarraan ga’aa jiran daraan kan ishee yaaddessu ta’uu himeera.

Qaamoleen yakka kana raawwatan seeraan akka gaafataman mootummaan qorannoo gaggeessuu akka qabu gaafateera.

Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Afaariitti yakka daraan suukkaneessaa, sarbama mirga namoomaa hammataa, ajjeechaa jumlaa fi qabeenya mootummaa fi dhuunfaa barbadeessuu dhaabbileen idil addunyaa qaamaan argamuun akka daawwatan mootummaan Ityoophiyaa gaafachuun kan yaadatamuudha.

Gochaa kana dhaabbileen idil addunyaa akka balaaleffatan mootummaan gaafachaa tureera.

Yakka gareen shororkeessaa kun naannolee hunda keessatti raawwachaa jiru Ameerikaa dabalatee biyyoonni addunyaa akka balaaleffatan lammiileen Ityoophiyaa, dhalattoonnii fi michuuwwan Ityoophiyaa guutuu addunyaa jiraatan sochii taasiisaa turaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.