Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan waliigaltee gurgurtaa meeshaalee waraanaa Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 85 Taayiwaan raggaasiste

Finfinnee, Sadaasa 21, 2017 (FBC)- Ameerikaan waliigaltee gurgurtaa meeshaalee waraanaa Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 85 Taayiwaan raggaasisuu beeksiste.

Gurgurtaan meeshaalee waraanaa kunis meeshaalee jijjiirraa Jeettiiwwan waraanaa, sirna raadaarii fi galteewwan quunnamtii loltummaa fa’aa ta’uun ibsameera.

Ejensiin Walta’iinsa Nageenyaa Raayyaa Ittisaa Ameerikaa akka beeksisetti, meeshaaleen waraanaa kunneen bara faranjootaa dhufu irraa eegalee Taayiwaaniif kan dhiyaatu ta’uun ibsameera.

Kunis Humna Qilleensaa Taayiwaan cimsuu fi madaala humnaa naannawichaa eegsisuuf akka gargaaru akeekaniiru.

Ministeerri Ittisaa Taayiwaan gama isaan, Waashingitan waliigaltee gurgurtaa meeshalee waraanaa Taayiwaan waliin galte raggaasisuu dinqisiifateera.

Walta’iinsi loltummaa Ameerikaa fi Taayiwaan akka itti fufu mirkaneessa jechuu The Defense Post gabaaseera.

Gama biraan Chaayinaan qaama bulchiinsa kiyyati kan jettu Taayiwaan, hariiroon Ameerikaa waliin uumtu birmadummaa ishee kan sarbuu fi sarara diimaa ta’uu irra deddeebiin ibsaa turuun ni yaadatama.

Yeroo dhiyoo asis Chaayinaan Taayiwaan irraatti dhiibbaa waraanaa bal’aa geessisaa jiraachuu gabaasaaleen ba’an ni mul’isa.

Ameerikaa fi Taayiwaan gochaa isaanii kan itti fufan yoo ta’e, Beejiingi tarkaanfii waraanaa akka fudhattu akeekkachiisaa turteetti.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.