Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan talaalliin Pfizer %95 amansiisaa ta’uu mirkaneessite

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Bulchitoonni Yuunayitiid Isteet talaalliin Pfizer/BioTech’ %95 bu’aa qabeessa tahuu mirkaneessuun tajaajilichi atattammaan hojiirra oolfamuuf daandii bana jedhaniiru.
Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa [FDA] talaallichi akka hin mirkanoofneef yaaddoon nageenyaa dhorku hin argamne jedheera.
Waa’een talaallicha lilmoon kennuu fi kan Yuunayitiid Kiingidaam namoota baay’eef fayyadamuu jalqabdee kana ilaachisee odeeffannoon gadi fagoon kanaa kun yoo kennamu kan yeroo jalqabaati jedhameera.
Bulchiinsi Nyaataa fi qorichaa kurtee seera qabeessa taasisuuf Kamiisa wal gahuuf jira.
Ejensichi talaallicha ammayyu kan hin raggaasifne yoo tahu odeeffannoo yeroo talaallichi yaalii irra ture tti fufinsa kan qabuu tahuu fi yaalii ariifachiisaaf fayyadamuu akka danda’amu eeyyamera.
Qaamni bulchiinsi Qorichaa Yuunayitiid Kiingidaam, MHRA ammoo torbee darbe ture akka talaalichi fayyadaarra oolfamu kan mirkaneesse.
Biyyootni lameen bu’aa qabeessummaa fi nageenya talaallichaa irratti odeeffannoo gahaa qabu.
Torbee darbe Antooniyoo Fawuchii, ogeessi dhibee daddarbaa Ameerikaa, adeemsa Yuunayitiid Kiingidaamn talaallicha fayyadamuuf raggaasiste ilaalchisee yaada qeequmsaa kennaniif dhiifama gaafataniiru.
Antooniyoon BBCtti akka himanitti ”adeemsi Ameerikaan talaalicha mirkaneessuuf fudhatte kan Yuunayitiid Kiingidaam caalaa yeroo dheeraa kan fudhatedhas” jedhan.
Dhugaan isaa kana. Kana jechuun koo dadhabina qaba jechuukoo miti bifa kanaan hojiirra oolus” jedhan. Yeroo yaada jalqabaa kennanis Ameerikaan ”guyyoota muraasa” duubatti hafti jedhanii ture.
Odeeffanno bal’aan FDA maxxanse talaallichi %95 bu’aa qabeessa tahuu kan agarsiisudha.
Ittisa guutuu kennuuf dooziin [hammantaan kennamu] si’a lama tahus kan jalqabaa dhukkubbii cimaa tahe %89 ittisuu danda’a.
Akkasumas talaallichi ittisa wal fakaataa tahe namoota Covid-19 dursanii qabamaniifis kenna.
Ragaan wal gahii FDA Kamisa dhufu dursee maxxanfame miidhaa wal fakkaataa namootni talaallicha fudhatan agarsiisan kan akka dhukkubbuu qaamaa, irraa namaa bakka lilmoon waraaname dhiita’uu fi diimachuu qabaachuu ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.